‏ 1 Kings 1:28-53

Daawit Solomoonin Mootii Taasise

1:28‑53 kwf – 1Sn 29:21‑25

28Daawit mootichi, “Mee Batisheebaa ol waamaa” jedhe. Kanaafuu isheen gara mootichaatti ol seentee fuula isaa dura dhaabatte.

29Mootichis akkana jedhee kakateef; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hundumaa keessaa na baase sanaa, 30ani waan duraan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin siif kakadhe sana harʼa dhugumaan siif guuta. Ilmi kee Solomoon na booddeedhaan mootii taʼa; iddoo koos teessoo koo irra ni taaʼa.”

31Batisheebaanis addaan gad jettee harka fuutee fuula mootichaa duratti jilbeenfattee, “Gooftaan ko, Daawit mootichi bara baraan haa jiraatu!” jette.

32Daawit mootichis, “Mee Zaadoq lubicha, Naataan raajichaa fi Benaayaa ilma Yehooyaadaa as waamaa” jedhe. Yommuu isaan fuula mootichaa duratti dhiʼaatanitti, 33inni akkana isaaniin jedhe: “Garboota gooftaa keessanii of faana fudhadhaatii ilma koo Solomoonin gaangoo koo irra teessisaatii Giihoonitti gad buusaa. 34Achittis Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Israaʼeloota irratti mootii godhanii isa haa diban. Malakata afuufaatii, ‘Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!’ jedhaa iyyaa. 35Isinis ergasii isa wajjin ol baʼuu qabdu; innis dhufee teessoo koo irra taaʼee iddoo koo buʼee mootii taʼuu qaba. Ani akka inni bulchaa taʼuuf Israaʼelii fi Yihuudaa irratti isa muudeera.”

36Benaayaa ilmi Yehooyaadaa akkana jedhee mootichaaf deebise; “Ameen! Waaqayyo Waaqni gooftaa koo mootichaa akkasuma haa jedhu. 37Waaqayyo akkuma gooftaa koo mooticha wajjin ture Solomoon wajjin haa taʼu; teessoo isaas teessoo gooftaa koo Daawit mootichaa caalaa haa jabeessu!”

38Kanaafuu Zaadoq lubichi, Naataan raajichi, Benaayaa ilmi Yehooyaadaa, Kereetonnii fi Pheletonni gad buʼanii gaangoo Daawit mootichaa irra Solomoon teessisanii Giihoonitti geessan. 39Zaadoq lubichi dunkaana qulqulluu keessaa gaanfa zayitii fuudhee Solomooniin dibe. Isaanis malakata afuufanii namoonni hundi, “Solomoon mootichi bara dheeraa haa jiraatu!” jedhanii iyyan. 40Namoonni hundi hamma sagalee sanaan lafti sochootutti faaggaa afuufaa gammachuu guddaadhaan isa faana ol baʼan.

41Adooniyaa fi keessummoonni isa wajjin turan akkuma nyaata isaanii fixataniin waan kana dhagaʼan. Yooʼaabis sagalee malakataa dhageenyaan, “Iyyi magaalaa keessaa kun hundi maalii?” jedhee gaafate.

42Utuma inni dubbachuutti jiruu, Yonaataan ilmi Abiyaataar lubichaa ni dhufe. Adooniyaanis, “Ol seeni. Jabaan akka keetii kun oduu gaarii fiduu qabaa” jedhe.

43Yonaataanis akkana jedhee deebise; “Akkas miti! Gooftaan keenya Daawit mootichi, Solomoonin mootii godheera. 44Mootichis Zaadoq lubicha, Naataan raajicha, Benaayaa ilma Yehooyaadaa, Kereetotaa fi Pheletota isa wajjin erge; isaanis gaangoo mootichaa irra isa teessisan; 45Zaadoq lubichii fi Naataan raajichi Giihoonitti mootii godhanii isa dibaniiru. Isaan gammachuudhaan achii ol baʼan; magaalattiinis iyya isaaniitiin sochoofamte; wacni isin dhageessan kunis kanaa dha. 46Kana caalaa iyyuu Solomoon teessoo mootummaa irra taaʼeera. 47Qondaaltonni mootiis, ‘Waaqni kee maqaa kee caalaa maqaa Solomoon beekamaa godhee teessoo isaa illee teessoo kee caalaa haa guddisu!’ jedhanii gooftaa keenya Daawit mooticha eebbisuuf dhufaniiru. Mootichis siree isaa irratti gad jedhee sagade; 48innis, ‘Waaqayyo, Waaqni Israaʼel kan akka iji koo harʼa nama iddoo koo buʼee teessoo koo irra taaʼu argitu naa eeyyame sun haa eebbifamu’ jedhe.”

49Kana irrati keessummoonni Adooniyaa hundi rifatanii kaʼanii bibittinnaaʼan. 50Adooniyaan garuu Solomoonin sodaatee dhaqee gaanfa iddoo aarsaa qabate. 51Solomoonittis akkana jedhamee himame; “Adooniyaan Solomoon mooticha sodaatee gaanfa iddoo aarsaa qabatee itti cicheera. Innis, ‘Solomoon mootichi akka goraadeedhaan garbicha isaa hin ajjeefne harʼa naaf haa kakatu’ jedhe.”

52Solomoonis, “Yoo inni amanamaa taʼuu isaa mirkaneesse rifeensa mataa isaa keessaa tokko iyyuu lafa hin buʼu; garuu yoo hamminni isa keessatti argame inni ni duʼa” jedhee deebise. 53Solomoon mootichis nama itti erge; isaanis iddoo aarsaa biraa gad isa fidan. Adooniyaanis dhufee fuula Solomoon mootichaa duratti gad jedhee harka fuudhe; Solomoonis, “Deemi, mana keetti gali” jedheen.
Copyright information for GazHAHl