1 Kings 10:1-13
Mootittiin Saabaa Solomoonin Arguu Dhaqxe
10:1‑13 kwf – 2Sn 9:1‑12
1Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomooniitii fi ulfina inni maqaa Waaqayyootiif qabuu dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Solomoon dhufte. 2Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee Yerusaalem dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte. 3Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni mootichi isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre. 4Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare, 5nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte. 6Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha. 7Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti wantoota kanneen hin amanne. Dhugumaan walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati ogummaa fi badhaadhummaadhaan oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta. 8Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan! 9Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqayyo sababii Israaʼeliif jaalala bara baraa qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf mootii si godheera.” 10Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa baayʼatu gonkumaa ergasii hin fidamne. 11Dooniiwwan Hiiraam biyya Oofiir irraa warqee fidan; isaanis feʼiisa muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii baayʼee achii ni fidan. 12Mootichis muka sandalii sana utubaa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Mukni sandalii kan akkas baayʼatu ergasii hamma harʼaatti takkumaa alaa hin fidamne yookaan hin argamne. 13Solomoon Mootichis waan qabeenya mootummaa ofii isaa keessaa kenneef irratti dabalee waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
Copyright information for
GazHAHl