‏ 1 Kings 10:14-29

Badhaadhummaa Solomoon

10:14‑29 kwf – 2Sn 1:14‑17; 9:13‑28

14Ulfinni warqee kan wagguma waggaan Solomooniif galu taalaantii 666 ture; 15kunis gibira daldaltoota qabeenya gurguddaatii fi xixinnaa irraa argamuu fi galii inni mootota biyya Arabaa hundaa fi bulchitoota biyya keessaa irraa argatu hin dabalatu.

16Solomoon Mootichis warqee tumame irraa gaachanawwan gurguddaa dhibba lama ni tolche; tokkoon tokkoon gaachanawwan sanaas warqee saqilii dhibba jaʼa fixe. 17Akkasumas warqee tumame irraa gaachana xixinnaa dhibba sadii ni tolche; tokkoon tokkoon gaachana sanaas warqee minnaanii dhibba sadii fixe. Mootichis gaachanawwan kanneen masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon keessa ni kaaʼe.

18Mootichis teessoo guddaa tokko ilka arbaa irraa hojjetee warqee qulqulluu itti uffise. 19Teessoon sun gulantaawwan jaʼa qaba ture; karaa dugda duubaatiin fiixee geengoo tokko qaba. Karaa teessoo sanaa lamaaniinis waan harka irra kaaʼatanitu ture; tokkoo tokkoo waan harka irra kaaʼatan sanaa biras fakkii leencaa tokko tokkotu dhaabatee ture. 20Gulantaawwan jaʼaan sana irras leenconni kudha lama tokko fiixee tokkoon, fakkiin kaan immoo fiixee kaaniin dhadhaabachaa turan. Wanni akkasii takkumaa mootummaa biraa kamiif iyyuu hin tolfamne. 21Miʼi Solomoon Mootichi ittiin dhugu hundinuu warqee irraa hojjetame; miʼi masaraa mootummaa kan Bosona Libaanoon jedhamu sanaa hundi immoo warqee qulqulluu irraa hojjetame. Sababii bara Solomoon keessa meetiin akka waan gatii hin qabne tokkootti ilaalamaa tureef wanni tokko iyyuu meetii irraa hin hojjetamne. 22Mootichis dooniiwwan Hiiraam gidduudhaa dooniiwwan daldalaa galaana irraa qaba ture. Isaanis waggaa sadii sadiitti yeroo tokko warqee, meetii fi ilka arbaa, qamalee fi jaldeessa fidanii ni dhufu ture.

23Solomoon Mootichi badhaadhummaa fi ogummaadhaan mootota addunyaa hunda ni caala ture. 24Addunyaan hundinuu ogummaa Waaqni garaa isaa keessa kaaʼe dhagaʼuuf Solomoon bira dhufuu barbaada ture. 25Namni waggaa waggaatti isa bira dhufu hundinuu kennaa miʼa meetii fi kan warqee, uffata, miʼa lolaa, urgooftuu, fardeenii fi gaangolii fidaafii ture.

26Solomoonis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate. 27Mootichi akka meetiin Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu godhe. 28Fardeen Solomoon Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite. 29Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.
Copyright information for GazHAHl