‏ 1 Kings 12:1-24

Israaʼel Rehooboʼaamitti Fincile

12:1‑24 kwf – 2Sn 10:1–11:4

1Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe. 2Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni yeroo sanatti Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii. 3Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi waldaan Israaʼel guutuun gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin: 4“Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”

5Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadiif deemaatii ergasii deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.

6Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.

7Isaanis, “Yoo ati harʼa tajaajilaa saba kanaaf taatee isaan tajaajiltee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.

8Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate. 9Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.

10Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni kunneen, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha. 11Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’ ”

12Bultii sadii booddee Yerobiʼaamii fi namoonni hundi akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana gara Rehooboʼaamitti deebiʼan. 13Mootichi immoo afaan hamaadhaan namoota sanaaf deebii kenne. Gorsa maanguddoonni kennaniif sana didee 14gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe. 15Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.

16Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna?
Ilma Isseey irraas maal qabna?
Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii!
Yaa Daawit mana kee eeggadhu!”

Kanaafuu Israaʼeloonni gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
17Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.

18Rehooboʼaam Mootichis, Adooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼel hundi immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeese. Rehooboʼaam Mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate. 19Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.

20Israaʼeloonni hundinuu akka Yerobiʼaam deebiʼe dhageenyaan nama itti erganii gara waldaatti isa waamanii Israaʼel hunda irratti mootii isa godhan. Gosa Yihuudaa qofatu mana Daawitiif amanamaa taʼee hafe.

21Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaam ilma Solomooniif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa hundaa fi gosa Beniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.

22Garuu dubbiin Waaqaa kun akkana jedhee gara nama Waaqaa, gara Shemaaʼiyaa ni dhufe; 23“Rehooboʼaam ilma Solomoon mooticha Yihuudaatiin, Yihuudaa fi Beniyaam hundaan, saba hafeenis akkana jedhi; 24Waaqayyo akkana jedha; obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii akkuma Waaqayyo ajaje sanatti mana ofii isaaniitti dachaʼan.
Copyright information for GazHAHl