‏ 1 Kings 14:25-31

25Waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane. 26Innis qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan hunda guurratee gale. 27Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne. 28Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baatanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.

29Wantoonni Rehooboʼaam bara mootummaa keessa taʼanii fi wanni inni hojjete hundinuu kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 30Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture. 31Rehooboʼaamis abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti awwaalame. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl