1 Kings 22:1-28
Miikiyaas Ahaabiin Mormee Raajii Dubbate
22:1‑28 kwf – 2Sn 18:1‑27
1Waggaa sadiif Sooriyaa fi Israaʼel gidduu waraanni tokko iyyuu hin turre. 2Waggaa sadaffaa keessa garuu Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa mooticha Israaʼel arguuf gad buʼe. 3Mootiin Israaʼel qondaaltota isaatiin, “Isin akka Raamooti Giliʼaad biyya keenya taatee nu garuu mootii Sooriyaa irraa ishee deebifachuuf waan tokko illee hojjechuutti hin jirre hin beektanii?” jedhe. 4Kanaafuu inni, “Ati Raamooti Giliʼaadin loluuf na wajjin ni baataa?” jedhee Yehooshaafaaxin gaafate. Yehooshaafaaxis, “Ani akkuma kee ti; sabni koo akkuma saba keetii ti; fardeen koos akkuma fardeen keetii ti” jedhee mooticha Israaʼeliif deebise. 5Yehooshaafaax garuu mootii Israaʼeliin, “Duraan dursii gorsa Waaqayyoo gaafadhu” jedhe. 6Kanaafuu Mootichi Israaʼel raajota gara dhibba afur walitti qabee, “Ani Raamooti Giliʼaadin loluudhaaf baʼu moo dhiisu?” jedhee ni gaafate. Isaanis, “Dhaqi; Gooftaan dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii” jedhanii deebisaniif. 7Yehooshaafaax immoo, “Akka nu waa isa gaafannuuf raajiin Waaqayyoo tokko iyyuu as hin jiruu?” jedhee gaafate. 8Mootiin Israaʼel immoo Yehooshaafaaxiin, “Amma illee namichi nu karaa isaatiin Waaqayyoon waa gaafachuu dandeenyu tokko jira; garuu sababii inni yeroo hunda waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii raajii hin dubbanneef ani isa nan jibba. Innis Miikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yehooshaafaax immoo deebisee, “Mootichi akkas jechuu hin qabu” jedheen. 9Kanaafuu mootiin Israaʼel qondaaltota isaa keessaa nama tokko waamee, “Dhaqiitii Miikaayaa ilma Yimlaa sana dafii fidi” jedheen. 10Mootichi Israaʼelii fi Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa uffata isaanii kan mootummaa uffatanii balbala Samaariyaa seensisu bira oobdii keessa teessoo isaanii irra tataaʼanii raajonni hundi immoo fuula isaanii duratti raajii dubbachaa turan. 11Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa gaanfawwan sibiilaa tolchee, “Waaqayyo, ‘Ati hamma isaan dhumanitti gaanfawwan kanneeniin warra Sooriyaa ni wawwaraanta’ jedha” jedhee labse. 12Raajonni kaan hundinuus waanuma kana raajan. Isaanis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee kennaatii, Raamooti Giliʼaadin lolii moʼadhu” jedhan. 13Ergamaan Miikaayaa waamuu dhaqe sunis, “Kunoo raajonni kaan utuu gargar hin gorin milkaaʼuu mootichaaf himaa jiru. Maaloo dubbiin kees dubbii isaaniitiin tokko akka taʼuuf atis waan tolaa dubbadhu” jedheen. 14Miikaayaan garuu deebisee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani waanuma Waaqni natti himu qofan isatti hima” jedhe. 15Yommuu inni achi gaʼettis mootichi, “Yaa Miikaayaa, nu Raamooti Giliʼaaditti duullu moo dhiisnu?” jedhee isa gaafate. Miikiyaasis, “Waaqayyo dabarsee harka mootichaatti ishee ni kennaatii waraanii moʼadhu” jedhee deebise. 16Mootichi immoo, “Ani yeroo hammamin akka ati dhugaa malee waan tokko illee natti hin himne maqaa Waaqayyootiin si kakachiisa?” jedheen. 17Kana irratti Miikaayaan akkana jedhee deebise; “Ani Israaʼeloota hunda akkuma hoolota tiksee hin qabneetti gaara irratti bittinnaaʼan nan arge. Waaqayyos, ‘Sabni kun gooftaa hin qabu. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan mana isaaniitti haa deebiʼan.’ ” 18Mootiin Israaʼelis Yehooshaafaaxiin, “Ani akka inni waaʼee koo waan hamaa malee waan gaarii tokko iyyuu hin raajne sitti hin himnee?” jedhe. 19Miikiyaas ittuma fufee akkana jedhe; “Kanaafuu ati dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: Ani utuu Waaqayyo teessoo isaa irra taaʼee ergamoonni samii hundis mirgaa fi bitaa isaatiin naannoo isaa dhadhaabatanuu nan arge. 20Waaqayyos, ‘Eenyutu akka inni dhaqee Raamooti Giliʼaadin lolee achitti duʼuuf Ahaabin gowwoomsa?’ jedhe. “Inni tokko waan tokko jedha; inni kaan immoo waan biraa jedha. 21Dhuma irratti hafuurri tokko dhufee fuula Waaqayyoo dura dhaabatee, ‘Anatu isa gowwoomsa’ jedhe. 22“Waaqayyos, ‘Karaa kamiin isa gowwoomsita?’ jedhee gaafate. “Innis, ‘Ani dhaqee afaan raajota isaa hunda keessatti hafuura sobaa nan taʼa’ jedhe. “Waaqayyos, ‘Dhaqiitii isa dogoggorsi; ni milkooftaatii’ isaan jedheen. 23“Kanaafuu Waaqayyo amma afaan raajota kee kanneen hundaa keessa hafuura sobaa kaaʼeera. Waaqayyo badiisa sitti ajajeera.” 24Kana irratti Zedeqiyaan ilmi Keniʼaanaa ol baʼee Miikaayaa fuula keessa kabalee, “Hafuurri Waaqayyoo yommuu sitti dubbachuuf na biraa baʼetti karaa kam deeme?” jedhee gaafate. 25Miikaayaanis, “Ati gaafa dhokachuuf jettee gara kutaa manaa kan gara keessaatti ol galtutti argita” jedhee deebiseef. 26Kana irratti mootiin Israaʼel akkana jedhee ajaje; “Miikaayaa fuudhaatii gara Aamoon bulchaa magaalaa fi gara Yooʼaash ilma mootichaatti geessaatii, 27‘Mootichi akkana jedha: Hamma ani nagaan deebiʼutti namicha kana mana hidhaa keessa buusaa; buddeenaa fi bishaan malees homaa hin kenninaafii’ jedhaan.” 28Miikaayaan immoo, “Yoo ati nagaan deebite, Waaqayyo karaa kootiin hin dubbanne” jedheen. Ittuma fufees, “Yaa saboota, isin hundi dubbii koo akeekkadhaa!” jedhe.
Copyright information for
GazHAHl