‏ 1 Kings 7:38-51

38Ergasiis caabiiwwan naasii kudhan kanneen tokkoon tokkoon isaanii safartuu baadoos afurtama qabaatee balʼinni isaas dhundhuma afur taʼu hojjete; tokkoo tokkoo baattuuwwan kurnan sanaa irras caabii tokko tokkotu ture. 39Innis baattuuwwan sana keessaa shan karaa kibba mana qulqullummaatiin, shan immoo karaa kaaba mana qulqullummaatiin dhaabe. Gaanii sana immoo karaa kibbaatiin, kibba baʼa golee mana qulqullummaatiin dhaabe. 40Inni okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche.

Hiiroomis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon mootichaaf hojjechaa ture hunda fixe; hojiin kunis:

41Utubaawwan lamaan;
guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan;
wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
42wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
43baattuuwwan kurnan, caabii isaanii kurnan wajjin;
44gaanii fi korommii loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
45okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaranii fi caabiiwwan.

Miʼi Huuraam mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon mootichaaf hojjete sun hundinuu naasii cululuqaa irraa tolfame.
46Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise. 47Solomoon waan isaan akka malee baayʼee taʼaniif miʼoota kanneen hunda hin madaalle; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.

48Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise:

Isaanis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame;
minjaala warqee kan buddeenni ilaalchaa irra ture;
49baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman shan karaa mirgaatiin, shan immoo karaa bitaatiin fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa dura dhaabaman sana,
daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee irraa hojjetaman;
50caabiiwwan, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman;
cufaawwan kutaa manichaa kanneen gara keessaatiif jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaaf, akkasumas cufaawwan galma guddichaa kanneen mana qulqullummaatiif aguuraawwan warqee.

51Solomoon mootichi yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.
Copyright information for GazHAHl