‏ 1 Kings 8:1-21

Taabonni Kakuu Mana Qulqullummaatti Galfame

8:1‑21 kwf – 2Sn 5:2–6:11

1Ergasii Solomoon Mootichi Xiyoon Magaalaa Daawit irraa taabota kakuu Waaqayyoo ol fichisiisuudhaaf jedhee maanguddoota Israaʼel, abbootii gosootaa hundaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel Yerusaalemitti fuula ofii isaa duratti walitti waame. 2Israaʼeloonni hundinuus jiʼa Eetaaniim, jiʼa torbaffaa keessa yeroo ayyaanaatti Solomoon Mooticha biratti walitti qabaman.

3Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi achi gaʼanitti luboonni taaboticha ol fuudhan; 4isaanis taabota Waaqayyoo sana, dunkaana wal gaʼiitii fi miʼoota qulqulleeffaman dunkaanicha keessa turan hunda ni fidan. Luboonnii fi Lewwonnis baatanii ol isaan fidan; 5Solomoon Mootichii fi waldaan Israaʼel kan isa biratti walitti qabaman guutuun hoolotaa fi loon akka malee baayʼatanii galmeessuu fi lakkaaʼuun hin dandaʼamne aarsaa dhiʼeessaa isa wajjin fuula taabotaa dura turan.

6Luboonnis ergasii taabota kakuu Waaqayyoo sana iddoo isaa gara kutaa qulqullicha mana qulqullummaa keessaa jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanatti ol galchanii qoochoo kiirubeelii jala kaaʼan. 7Kiirubeeliinis iddoo taabotichaa irratti qoochoowwan isaanii babalʼisanii taabotichaa fi danqaraawwan ittiin taabota baatan gaaddiseessan. 8Danqaraawwan kunneen waan akka malee dhedheerataniif fiixeen isaanii Iddoo Qulqulluu fuula iddoo qulqulluu gara keessaa jiru sanaa duraa ni mulʼatu ture; garuu Iddoo Qulqulluu sanaa alatti hin mulʼatan ture; danqaraawwan kunneen hamma harʼaatti illee achuma jiru. 9Taabota sana keessa gabateewwan dhagaa kanneen Museen Kooreebitti iddoo Waaqayyo erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii booddee itti isaan wajjin kakuu seene sanatti isa keessa kaaʼe lamaan malee wanni tokko iyyuu hin turre.

10Akkuma luboonni Iddoo Qulqulluu sana keessaa baʼaniin duumessi mana qulqullummaa Waaqayyoo guute. 11Luboonnis sababii duumessa sanaatiif hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye; ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa isaa guutee tureetii.

12Ergasii Solomoon akkana jedhe; “Waaqayyo akka duumessa dukkanaaʼaa keessa jiraatu dubbateera; 13ani dhugumaan mana qulqullummaa guddaa, iddoo ati bara baraan jiraattu siif ijaareera.”

14Utuma waldaan Israaʼel guutuun achi dhaabatuu mootichi of irra garagalee isaan eebbise. 15Akkanas jedhe:

Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni waan afaan ofii isaatiin abbaa koo Daawitiif waadaa gale sana harkuma ofii isaatiin guute sun haa eebbifamu. Innis akkana jedhee tureetii;
16‘Ani gaafan saba koo Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee akka Maqaan koo achi jiraatuuf jedhee mana qulqullummaa itti ijaarsifachuuf gosoota Israaʼel kam iyyuu keessatti magaalaa tokko illee hin filanne; garuu akka inni saba koo Israaʼelin bulchuuf Daawitin filadheera.’

17“Daawit abbaan koo Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaruuf garaa isaatii yaada qaba ture. 18Waaqayyo garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe; ‘Waan mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaruun yaada kee keessa jiruuf, ati yaada kana garaadhaa qabaachuun kee gaarii dha. 19Taʼus namni mana qulqullummaa naaf ijaaru siʼi miti; garuu ilma kee isuma foon keetii fi dhiiga kee taʼetu ijaara; namni mana qulqullummaa Maqaa kootiif ijaaru isa.’

20Waaqayyo waadaa gale sana eegeera; akkuma Waaqayyo waadaa gale sana ani amma iddoo abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeen jira; Maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliifis mana qulqullummaa ijaareera. 21Anis achi keessatti taabotaaf iddoo qopheesseera; taabota sana keessa immoo kakuu Waaqayyoo kan inni yeroo Gibxii isaan baasetti abbootii keenya wajjin gale sanatu jira.”
Copyright information for GazHAHl