‏ 1 Kings 8:22-53

Kadhaa Solomoon

8:22‑53 kwf – 2Sn 6:12‑40

22Solomoon iddoo aarsaa Waaqayyoo duratti fuula guutummaa waldaa Israaʼel dura dhaabatee harka isaa gara samiitti ol balʼisee 23akkanas jedhe:

“Yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqni akka keetii ol samii keessa yookaan gad lafa irra hin jiru; ati garboota kee warra garaa guutuudhaan karaa kee irra deemaniif kakuu fi jaalala kee kan hin geeddaramne sana ni eegda.
24Ati waadaa garbicha kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegdeerta; ati afaanuma keetiin waadaa galtee akkuma harʼa taʼee jiru kana harka keetiin fiixaan baafteerta.

25“Ammas yaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, ati waan garbicha kee abbaa koo Daawitiin, ‘Yoo ilmaan kee akkuma ati goote sana waan hojjetan hunda keessatti of eeggachaa, amanamummaan fuula koo dura deddeebiʼan, ati nama fuula koo dura teessoo Israaʼel irra taaʼu gonkumaa hin dhabdu’ jettee abdachiifte sana eegiif. 26Kanaafuu amma yaa Waaqa Israaʼel dubbiin ati garbicha kee abbaa koo Daawitiif waadaa galte sun haa mirkanaaʼu.

27“Garuu dhugumaan Waaqni lafa irra ni jiraataa? Samiiwwan, samiiwwan samii olii iyyuu si baachuu hin dandaʼan. Yoos manni qulqullummaa kan ani ijaare kun hammam haa xinnaatu ree! 28Taʼus yaa Waaqayyo Waaqa ko, kadhannaa fi waammata garbichi kee araara barbaaduuf dhiʼeessuuf gurra kenni. Iyyaa fi kadhannaa garbichi kee harʼa fuula kee duratti dhiʼeessu illee dhagaʼi. 29Akka ati kadhannaa garbichi kee fuula isaa garanatti deebifatee kadhatuuf iji kee halkanii fi guyyaa gara mana qulqullummaa kanaa, gara iddoo ati, ‘Maqaan koo achi jiraata’ jette kanaa haa ilaalu. 30Yommuu isaan gara iddoo kanaatti fuula deebifatanii kadhatanitti waammata garbicha keetii fi kan saba kee Israaʼel dhagaʼi. Samii keessaa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi; yommuu dhageessuttis dhiifama godhi.

31“Yoo namni tokko ollaa ofii isaatti daba hojjetee akka kakatu gaafatamee, innis dhufee mana qulqullummaa kana keessatti fuula iddoo aarsaa keetii duratti kakate, 32ati samii irraa dhagaʼiitii tarkaanfii fudhadhu. Nama yakka qabu, yakka isaa matuma isaatti deebistee gatii isaa kennuufiidhaan, nama qajeelaa immoo akkuma qajeelummaa isaatti isaaf falmuudhaan garboota kee gidduutti murtii kenni.

33“Yoo sabni kee Israaʼel sababii cubbuu sitti hojjeteef diinaan moʼatamutti, yoo inni gara keetti deebiʼee maqaa keetiif ulfina kennee mana qulqullummaa kana keessatti kadhatee si waammatutti, 34samii irraa dhagaʼiitii cubbuu saba kee Israaʼel dhiisiif; biyya abbootii isaaniitiif kennite sanattis deebisii isaan galchi.

35“Yoo sababii sabni kee cubbuu sitti hojjeteef samiiwwan cufamanii bokkaan dhabame, yoo isaan sababii ati isaan adabdeef iddoo kanatti fuula deebifatanii maqaa kee ulfeessanii cubbuu isaanii irraa deebiʼan, 36ati samii irraa dhagaʼiitii cubbuu garboota kee saba kee Israaʼel dhiisiif. Karaa qajeelaa isaan jiraachuu qaban isaan barsiisi; biyya dhaala gootee saba keetiif kennite irrattis bokkaa roobsi.

37“Yommuu beelli yookaan dhaʼichi yookaan waagiin yookaan awwaaroon yookaan hawwaannisni yookaan korophisni biyyatti dhufutti, yookaan yommuu magaalaawwan biyya isaanii kam iyyuu keessatti diinni isaan marsutti, yookaan yommuu balaan yookaan dhukkubni kam iyyuu dhufutti, 38yoo sabni kee Israaʼel rakkina garaa ofii isaa beekee isaan keessaa eenyu iyyuu gara mana qulqullummaa kanaatti harka isaa balʼisee kadhannaa yookaan waammata dhiʼeesse, 39ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Dhiifama godhiif; gargaaris. Si qofatu garaa namaa beekaatii, ati sababii garaa isaa beektuuf tokkoo tokkoo namaatiif akkuma hojii isaa hundaatti waan isaaf malu kenni; 40yoo akkasii isaan bara biyya ati abbootii keenyaaf kennite keessa jiraatan hunda si sodaataniif.

41“Akkasumas nama ormaa kan saba kee Israaʼel hin taʼin kan maqaa keetiif jedhee, 42sababii isaan waaʼee maqaa kee guddichaa, harka kee jabaa fi irree kee kan diriirfame sanaa dhagaʼaniif biyya fagootii dhufe, yoo inni dhufee fuula isaa gara mana qulqullummaa kanaatti deebifatee kadhate, 43ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii dhagaʼi. Akka saboonni addunyaa hundinuu akkuma saba kee Israaʼel sana maqaa kee beekanii si sodaatanii fi akka isaan akka manni ani ijaare kun maqaa keetiin waamamu illee beekaniif jedhii waan namni ormaa sun si kadhatu hunda godhiif.

44“Yommuu sabni kee diinota isaa loluuf jedhee gara ati itti isa ergitu kam iyyuu duulutti, yoo inni gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare kanaatti fuula deebifatee Waaqayyoon kadhate, 45ati samii irraa kadhannaa isaatii fi waammata isaa dhagaʼiitii dhimma isaa isaaf raawwadhu.

46“Sababii namni cubbuu hin hojjenne tokko iyyuu hin jirreef, yommuu isaan cubbuu sitti hojjetanitti ati isaanitti aartee diina isaan boojiʼee biyya isaa kan fagoo yookaan dhiʼootti isaan geessutti dabarsitee isaan kennita; 47yoo isaan biyya boojuudhaan itti geeffamanitti gaabbanii qalbii geeddaratanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerra; waan hamaas hojjenneerra’ jedhanii biyya boojitoota isaanii keessatti si kadhatan, 48yoo isaan biyya diinota isaanii kanneen boojiʼanii isaan fudhatan sanaa keessatti garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan gara keetti deebiʼanii gara biyya ati abbootii isaaniitiif kenniteetti, gara magaalaa ati filattee fi gara mana qulqullummaa kan ani Maqaa keetiif ijaare sanaatti fuula deebifatanii si kadhatan, 49ati samii irraa, iddoo jireenya keetiitii kadhannaa fi waammata isaanii dhagaʼiitii dhimma isaanii isaaniif raawwadhu. 50Saba kee kan cubbuu sitti hojjeteefis dhiifama godhi; yakka isaan sitti hojjetan hundas isaaniif dhiisiitii akka boojitoonni isaanii garaa isaaniif laafan godhi; 51isaan saba keetii fi dhaala kee kan ati Gibxii boolla ibiddaa kan sibiila itti baqsan keessaa baafteedhaatii.

52“Iji kee waammata garbicha keetiitii fi waammata saba kee Israaʼel haa argu; atis yeroo isaan sitti iyyatan hunda isaan dhagaʼi. 53Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkuma gaafa Gibxi keessaa abbootii keenya baafte sana karaa garbicha kee Museetiin dubbattetti, akka isaan dhaala kee taʼaniif jettee saboota addunyaa kanaa hunda keessaa isaan filatteetii.”
Copyright information for GazHAHl