1 Kings 9:10-28
Hojii Solomoon Hojjete Kan Biraa
9:10‑28 kwf – 2Sn 8:1‑18
10Dhuma waggaa digdamaatti, yeroo itti Solomoon manneen lamaan jechuunis mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ijaare sanatti, 11Hiiraam mootichi Xiiroos akkuma Solomoon Mootichi barbaadetti muka birbirsaatii fi gaattiraa akkasuma warqee kenneef; Solomoon immoo magaalaawwan Galiilaa keessa jiran digdama Hiiraam mooticha Xiiroosiif kenne. 12Hiiraam garuu yommuu Xiiroos irraa kaʼee magaalaawwan Solomoon isaaf kenne ilaaluu dhaqetti magaalaawwan sanatti hin gammanne. 13Innis, “Yaa obboleessoo, magaalaawwan ati naa kennite kunneen magaalaawwan akkamii ti?” jedhee isa gaafate. Kanaafuu biyya Kaabuul jedhee maqaa hamma harʼaatti ittiin waamaman tokko baaseef. 14Hiiraamis warqee taalaantii 120 mootichaaf ergee ture. 15Seenaan itti Solomoon Mootichi mana qulqullummaa Waaqayyoo, masaraa mootummaa kan ofii isaa Miiloo, dallaa Yerusaalem, Haazoor, Megidoo fi Geezirin ijaaruuf hojjettoota dirqamanii hojii humnaa hojjetanitti fayyadame kanaa dha. 16Faraʼoon mootichi Gibxi Geezirin lolee qabatee ture. Innis ibidda itti qabsiise; Kanaʼaanota achi keessa jiraatan fixee intala ofii isaa, niitii Solomoon sanaaf magaalattii gabbara godhee kenne. 17Solomoonis deebisee Geezirin ijaare. Innis Beet Horoon gad aanu, 18Baaʼilaati, Tadmoor kan gammoojjii biyya Yihuudaa keessatti argamtu sana, 19akkasumas magaalaawwan kuusaawwan isaa hunda, magaalaawwan gaariiwwanii fi kan fardeen isaa, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumas ni ijaare. 20Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin kanneen Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira. 21Solomoonis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni balleessuu hin dandaʼin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise. 22Solomoon garuu Israaʼeloota keessaa nama tokko illee hin garboomsine; isaan loltoota isaa, qondaaltota mootummaa isaa, ajajjuuwwan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi ajajjuuwwan abbootii fardaa isaa turan. 23Isaan akkasumas hojii Solomoon hojjechiisaa ture keessatti qondaaltota hangafoota turan; qondaaltonni 550 hojjettoota hojii hojjetan kana toʼachaa turan. 24Solomoonis erga intalli Faraʼoon sun Magaalaa Daawit keessaa gara masaraa mootummaa kan Solomoon isheef ijaare sana dhuftee booddee Miiloo ijaare. 25Solomoon waggaatti yeroo sadii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa iddoo aarsaa kan Waaqayyoof ijaare sana irratti dhiʼeessa ni ture; sana wajjinis, fuula Waaqayyoo duratti ixaana aarsee akkasiin hojii ijaarsa mana qulqullummaa fixe. 26Solomoon mootichi amma illee Eziyoon Geber ishee biyya Edoom keessa, Eelooti bira jirtu keessatti qarqara Galaana Diimaatti dooniiwwan hojjete. 27Hiiraamis akka isaan namoota Solomoon wajjin dooniiwwan irra hojjetaniif namoota isaa warra doonii oofan kanneen galaanicha beekan erge. 28Isaanis dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii 420 fidanii Solomoon mootichatti kennan.
Copyright information for
GazHAHl