2 Chronicles 10:1-5
Israaʼel Rehooboʼaamitti Fincile
10:1–11:4 kwf – 1Mt 12:1‑24
1Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe. 2Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii. 3Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin: 4“Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.” 5Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
Copyright information for
GazHAHl