‏ 2 Chronicles 12:9-16

9Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Solomoon hojjete dabalatee waan guurratee gale. 10Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne. 11Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.

12Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi Waaqayyoo isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture.

13Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Waaqayyo Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. 14Inni sababii Waaqayyoon barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.

15Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa raajichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture. 16Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl