‏ 2 Chronicles 16:11-14

11Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera. 12Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne. 13Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote. 14Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan.

‏ 2 Chronicles 17:1

Yehooshaafaax Mooticha Yihuudaa

1Yehooshaafaax ilmi Aasaa iddoo abbaa isaa mootii taʼe; Israaʼelittis ni cime.
Copyright information for GazHAHl