‏ 2 Chronicles 20:31-37

Dhuma Bara Mootummaa Yehooshaafaax

20:31–21:1 kwf – 1Mt 22:41‑50

31Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte. 32Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Waaqayyoo durattis waan qajeelaa hojjete. 33Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Waaqa abbootii isaaniitti hin deebine ture.

34Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.

35Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate. 36Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan. 37Eliiʼezer raajichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, “Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Waaqayyo hojii kee ni diiga” jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.

‏ 2 Chronicles 21:1

1Ergasii Yehooshaafaax abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Yehooraam ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl