2 Chronicles 26:21-23
21Uziyaan mootichi hamma gaafa duʼuutti lamxaaʼee ture. Innis waan lamxaaʼee tureef mana qulqullummaa Waaqayyoo irraa citee mana kophaa keessa ni jiraate. Ilmi isaa Yootaam ilmi isaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche. 22Wantoonni bara mootummaa Uziyaan keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman biraan Isaayyaas raajicha ilma Amoosiin galmeeffamaniiru. 23Uziyaanis abbootii isaa wajjin boqotee sababii namoonni, “Inni lamxii qaba” jedhaniif inni lafa awwaala moototaa keessatti isaanuma biratti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl