‏ 2 Chronicles 32:24-33

Of tuulummaa, Milkaaʼinaa fi Duʼa Hisqiyaas

32:24‑33 kwf – 2Mt 20:1‑21; Isa 37:21‑38; 38:1‑8

24Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise. 25Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe. 26Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti hin dhufne.

27Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare. 28Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare. 29Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate.

30Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef. 31Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.

32Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas raajicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. 33Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa awwaala sanyiiwwan Daawititti gaara irratti awwaalame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl