‏ 2 Chronicles 32:9-19

9Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge:

10“Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte? 11Hisqiyaas, ‘Waaqayyo Waaqni keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii? 12Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Waaqa kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii?

13“Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu? 14Waaqota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqni keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree? 15Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Waaqni saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!”

16Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu Waaqayyo Waaqaa fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan. 17Mootichis akkasuma Waaqayyo Waaqa Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, “Akkuma waaqonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse. 18Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan. 19Isaan akkuma waaʼee waaqota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Waaqa Yerusaalem dubbatan.
Copyright information for GazHAHl