2 Chronicles 33:18-20
18Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera. 19Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru. 20Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl