‏ 2 Chronicles 33:21-25

Aamoon Mooticha Yihuudaa

33:21‑25 kwf – 2Mt 21:19‑24

21Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. 22Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse. 23Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.

24Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan. 25Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
Copyright information for GazHAHl