‏ 2 Chronicles 34:14-28

Kitaabni Seeraa Argamuu Isaa

34:14‑28 kwf – 2Mt 22:8‑20

34:29‑32 kwf – 2Mt 23:1‑3

14Utuma isaan maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana baasaa jiranuu Hilqiyaa lubichi Kitaaba Seera Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sana arge. 15Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne.

16Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru. 17Maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.” 18Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.

19Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase. 20Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne: 21“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii Waaqayyoo hin eeginiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”

22Hilqiyaa fi warri mootichi isa wajjin erge sun gara Huldaanaa raajittii jechuunis niitii Shaluum ilma Toqeʼaati, ilma Hasraat kan eegduu mana uffataa turte sanatti himuu dhaqan. Isheenis Yerusaalem keessa aanaa lammaffaa keessa jiraatti turte.

23Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa; 24Waaqayyo akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida. 25Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’ 26Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha: 27Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha Waaqayyo. 28Ani amma abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ”

Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
Copyright information for GazHAHl