2 Chronicles 35:18-19
18Bara Saamuʼeel raajichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne. 19Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame.
Copyright information for
GazHAHl