‏ 2 Chronicles 36:5-8

Yehooyaaqiim Mooticha Yihuudaa

36:5‑8 kwf – 2Mt 23:36–24:6

5Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete. 6Nebukadnezar mootichi Baabilon isatti duule; gara Baabilonittis isa geessuudhaaf foncaa naasiitiin isa hidhe. 7Nebukadnezar miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo guuree Baabilonitti geessee mana waaqeffannaa isaa keessa ni kaaʼe.

8Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni jibbisiisaan inni hojjetee fi balleessaan isa irratti argame hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl