2 Chronicles 7:1-10
Manni Qulqullummaa Eebbifame
7:1‑10 kwf – 1Mt 8:62‑66
1Yommuu Solomoon kadhannaa isaa fixatetti ibiddi samiidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni Waaqayyoos mana qulqullummaa guute. 2Sababii ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu hin dandeenye. 3Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda samiidhaa gad buʼuu fi ulfina Waaqayyoo mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis Waaqayyoon galateeffatan: “Inni gaarii dha;jaalalli isaas bara baraan jiraata.”
4Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessan. 5Solomoon Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Waaqaa eebbisan. 6Luboonni akkuma Lewwonni miʼoota faarfannaa Waaqayyo kanneen Daawit Mootichi ittiin Waaqayyoon jajachuudhaaf tolche kanneen yeroo inni, “Jaalalli isaa bara baraan ni jiraata” jedhee galateeffatutti fayyadan sana harkatti qabatanii dhaaban. Luboonnis fuullee Lewwotaa dhaabatanii malakata isaanii afuufan; Israaʼeloonni hundis dhadhaabachaa turan. 7Solomoonis iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru sanaa Waaqaaf addaan ni baase; inni sababii iddoon aarsaa kan inni naasii irraa hojjetee ture sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma baachuu hin dandaʼiniif aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa nagaa sana achumatti ni dhiʼeesse. 8Kanaafuu Solomoon yeroo sanatti bultii torbaaf Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. 9Isaanis sababii bultii torba ayyaana eebba iddoo aarsaa ayyaaneffatanii bultii torba immoo ittuma fufanii ayyaana daasii ayyaaneffataniif bultii saddeettaffaatti wal gaʼii guddaa tokko ni godhatan. 10Solomoonis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii Waaqayyo Daawitiif, Solomoonii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan.
Copyright information for
GazHAHl