‏ 2 Chronicles 9:1-12

Mootittiin Saabaa Solomoonin Arguu Dhaqxe

9:1‑12 kwf – 1Mt 10:1‑13

1Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomoon dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Yerusaalem dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte. 2Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni inni isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre. 3Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare, 4nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.

5Isheenis mootichaan akkana jette; “Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha. 6Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti waan isaan jedhan sana hin amanne. Dhugumaan guddina ogummaa keetii keessaa walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta. 7Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan! 8Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera.”

9Isheenis warqee taalaantii 120, urgooftuu akka malee baayʼee fi dhagaawwan gati jabeeyyii mootichaaf kennite. Urgooftuun akka urgooftuu mootittiin Shebaa Solomoon Mootichaaf kennite sanaa gonkumaa hin argamne.

10Namoonni Hiiraamii fi namoonni Solomoon biyya Oofiir irraa warqee fidan; akkasumas muka sandaliitii fi dhagaawwan gati jabeeyyii ni fidan. 11Mootichis muka sandalii sana gulantaawwan mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa, akkasumas baganaa fi kiraara faarfattootaa tolchuuf itti fayyadame. Wanni akkasiis takkumaa Yihuudaa keessatti hin argamne.

12Solomoon Mootichis waan isheen barbaaddee fi waan isheen kadhatte hunda mootittii Shebaatiif ni kenne; inni waan isheen isaaf geessite caalaa kenneef. Isheenis ergasii kaatee miiltota ishee wajjin biyya ofii isheetti deebite.
Copyright information for GazHAHl