‏ 2 Kings 12:1-16

Yooʼaash Mana Qulqullummaa Haaromse

12:1‑21 kwf – 2Sn 24:1‑14; 24:23‑27

1Bara mootummaa Yehuu keessa waggaa torbaffaatti Yooʼaash mootii taʼe; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama bulche. Maqaan haadha isaa Saabiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. 2Yooʼaashis bara Yehooyaadaan lubichi isa gorsaa ture hunda waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjechaa ture. 3Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan.

4Yooʼaashis lubootaan akkana jedhe; “Maallaqa kennaa qulqulluu godhamee mana qulqullummaa Waaqayyootti fidame hunda jechuunis maallaqa yeroo uummanni lakkaaʼametti walitti qabame, maallaqa wareega namootaa irraa walitti qabamee fi maallaqa namoonni fedhiidhaan mana qulqullummaatti fidan walitti qabaa. 5Tokkoon tokkoon lubaa qabduu horii irraa maallaqa haa fuudhu; maallaqni kunis waan mana qulqullummaa keessaa caccabe kam iyyuu deebisanii haaromsuudhaaf hojii irra haa oolu.”

6Garuu bara Yooʼaash Mootichaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti luboonni sun amma illee mana qulqullummaa sana hin haaromsine ture. 7Kanaafuu Yooʼaash mootichi Yehooyaadaa lubichaa fi luboota kaan walitti waamee, “Isin maaliif kutaa mana qulqullummaa kan diigamaa jiru sana deebiftanii hin haaromsine? Isin siʼachi maallaqa namoota irraa guurtan of harka hin tursinaa; garuu akka manni qulqullummaa ittiin haaromfamuuf dabarsaa kennaa.” 8Luboonni sunis akka lammata maallaqa waldaa irraa walitti hin qabnee fi akka mana qulqullummaa sana illee ofii isaaniitiin hin haaromsine walii galan.

9Yehooyaadaan lubichi sanduuqa tokko fuudhee qadaada isaa ure. Sanduuqa sanas karra namni ittiin mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuun karaa mirgaatiin iddoo aarsaa bira kaaʼe. Luboonni balbala sana eeganis maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootiif fidamu hunda sanduuqa sana keessa buusu ture. 10Yommuu sanduuqni sun guututtis barreessaan mootiitii fi lubni ol aanaan dhufanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana lakkaaʼanii korojootti naqan. 11Erga baayʼinni maallaqa sanaa beekamee booddee isaan warra hojii mana qulqullummaa sana toʼachuuf filatamanitti kennan. Jarris namoota hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo irratti bobbaʼan jechuunis warra muka soofanii fi warra mana ijaaraniif, 12warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa cabsaniif kaffalan. Akkasumas mana qulqullummaa Waaqayyoo haaromsuudhaaf jedhanii mukaa fi dhagaa soofame bitanii baasii ittiin mana qulqullummaa haaromsan hunda baasan.

13Maallaqni mana qulqullummaatti fidame sun miʼa meetii irraa hojjetame kan akka caabii, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitii ittiin waa faffacaasan, malakata yookaan miʼa warqee yookaan meetii irraa mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetaman biraa kamiin iyyuu tolchuuf hojii irra hin oolle; 14maallaqni sunis namoota mana qulqullummaa sana haaromsaniif baafame. 15Isaan sababii jarri amanamummaa guutuudhaan waan kana hojjetaniif namoota akka isaan warra mana qulqullummaa haaromsaniif kaffalaniif maallaqni itti kenname sana irraa herrega toʼachuu hin barbaanne. 16Maallaqni aarsaa yakkaatii fi aarsaa cubbuutiif galfame tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyootti hin fidamne; kun qooda lubootaatii.
Copyright information for GazHAHl