2 Kings 15:1-7
Azaariyaa Mooticha Yihuudaa
15:1‑7 kwf – 2Sn 26:3‑4,21‑23
1Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdamii torbaffaatti, Azaariyaa ilmi Amasiyaa mooticha Yihuudaa sanaa mootii taʼe. 2Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha jaʼa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii lama ni bulche. Maqaan haadha isaa Yekooliyaa ture; isheenis nama Yerusaalem turte. 3Innis akkuma abbaa isaa Amasiyaa sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete. 4Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonni ittuma fufanii aarsaa dhiʼeessaa, ixaanas achitti aarsaa turan. 5 Waaqayyos hamma gaafa inni duʼeetti mooticha lamxiidhaan dhaʼe; innis mana kophaa keessa ni jiraate. Yootaam ilmi mootichaa itti gaafatama masaraa mootummaa fudhatee saba biyyattii bulche. 6Wantoonni bara mootummaa Azaariyaa keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 7Azaariyaa abbootii isaa wajjin boqotee isaanuma biratti Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yootaam iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for
GazHAHl