2 Kings 18:17-37
Senaaheriib Yerusaalemin Doorsise
18:13,17‑37 kwf – Isa 36:1‑22
18:17‑35 kwf – 2Sn 32:9‑19
17Ergasii Mootichi Asoor ajajaa waraanaa isaa ol aanaa, ajajaa hangafaa fi ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti ni erge. Isaanis Yerusaalem dhufanii boʼoo haroo ol aanuu bira karaa lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu irra dhadhaabatan. 18Isaan mooticha ni waamsifatan; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan isaanitti gad baʼan. 19Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte? 20Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta? 21Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma. 22Yoo isin, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jettan, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kan Yerusaalem keessaa kana duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii? 23“ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna! 24Ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa? 25Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee iddoo kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ” 26Kana irratti Eliiyaaqiim ilma Hilqiyaa, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan. 27Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?” 28Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa! 29Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni harka kootii isin baasuu hin dandaʼu. 30Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin. 31“Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin walii galtee nagaa dhaabbadhaatii natti gad baʼaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu; 32kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, gara biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti, gara biyya muka ejersaatii fi dammaatti isin geessutti taʼa. Isin jireenya filadhaa malee duʼa hin filatinaa! “Waan inni, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin dogoggorsuuf Hisqiyaasin hin dhagaʼinaa. 33Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa? 34Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim, waaqonni Heenaatii fi Iwaa eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu? 35Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu harka koo keessaa biyya isaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?” 36Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine. 37Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.
Copyright information for
GazHAHl