‏ 2 Kings 19:20-37

Kufaatii Senaaheriib

19:20‑37 kwf – Isa 37:21‑38

19:35‑37 kwf – 2Sn 32:20‑21

20Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera. 21Dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha: “ ‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin
si tuffattee sitti qoosti.
Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti
mataa ishee sitti raafti.
22Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu?
Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee
of tuulummaadhaan ija ol qabatte?
Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
23Ati karaa ergamoota keetiitiin
Gooftaatti qoosteerta.
Ati akkanas jetteerta;
“Ani gaariiwwan koo hedduudhaan
fiixee tulluuwwaniitti,
fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera.
Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo,
gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera.
Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo,
bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera.
24Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee
achitti bishaan dhugeera.
Ani faana miilla kootiin
lageen biyya Gibxi hunda gogseera.”

25“ ‘Ati waan kana hin dhageenyee?
Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete.
Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe;
amma immoo hojii irra oolfadheera;
kunis akka ati magaalaawwan
dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha.
26Namoonni isaanii humna dhabanii
abdii kutataniis qaanaʼan.
Isaan akkuma biqiltuu diidaa,
akkuma biqiltuu kichuu tokkoo,
akkuma marga mana gubbaatti biqilu
kan utuu hin guddatin gubatee ti.

27“ ‘Ani garuu lafa ati jirtu,
yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu,
akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
28Waan ati akka malee natti aartee guggubattee
of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef,
ani hokkoo koo funyaan kee keessa,
luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen
akka ati karuma dhufte sana
deebitu sin godha.’

29“Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa: “Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu,
waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu.
Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa;
muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
30Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko
jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
31Yerusaalem keessaa hambaan tokko,
Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa.

Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata:

32“Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha: “ ‘Inni magaalaa kana hin seenu
yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu.
Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu
yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
33Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa;
magaalaa kanas hin seenu,
jedha Waaqayyo.
34Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee,
magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’ ”

35Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture! 36Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.

37Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl