2 Kings 20:1-11
Dhukkuba Hisqiyaas
20:1‑11 kwf – 2Sn 32:24‑26; Isa 38:1‑8
1Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’ ” jedheen. 2Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; 3“Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe. 4Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe; 5“Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baata. 6Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.’ ” 7Kana irratti Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaa” jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye. 8Hisqiyaasis, “Akka Waaqayyo na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee Isaayyaasin gaafate. 9Isaayyaasis akkana jedhee deebise; “Akka Waaqayyo waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon Waaqayyo siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?” 10Hisqiyaas immoo, “Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi” jedhe. 11Kana irratti Isaayyaas raajichi iyyee Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe.
Copyright information for
GazHAHl