2 Kings 22:8-20
8Hilqiyaa lubichi ol aanaan sunis, Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe. Kitaabichas Shaafaanitti kenne; Shaafaan immoo kitaaba sana ni dubbise. 9Ergasiis Shaafaan gara mootichaa dhaqee, “Qondaaltonni kee maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture baasanii hojjettootaa fi namoota hojii mana qulqullummaa toʼatanitti imaanaa kennaniiru” jedhee hime. 10Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise. 11Mootichis dubbii Kitaaba Seeraa sana dhageenyaan uffata isaa ni tarsaase. 12Innis ajaja kana Hilqiyaa lubichatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Akboor ilma Miikaayaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne; 13“Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, sabaa fi Yihuudaa hundaaf Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii kitaabaa kanaatiif hin ajajaminiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti bobaʼeera; isaan akka waan waaʼee keenya barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.” 14Hilqiyaa lubichi, Ahiiqaam, Akboor, Shaafaanii fi Asaayaan Huldaanaa raajittii gaafachuu dhaqan. Huldaanaan kun niitii Shaluum ilma Tiqwaa, ilma Harhaas kan eegduu uffataa ture sanaa ti. Isheenis Yerusaalem keessa Aanaa Lammaffaa keessa jiraatti turte. 15Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa. 16‘Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuma waan kitaaba mootichi Yihuudaa dubbise sana keessatti barreeffame hundaatti iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa nan fida. 17Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waaqota tolfamoo harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif, dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni bobaʼa; hin dhaamus.’ 18Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa, Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; 19“Sababii ati yeroo waan ani waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa akka isaan abaaramanii barbadeeffaman waan hamaa dubbadhe dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqayyoo duratti gad of qabdeef, sababii uffata kee tarsaaftee fuula koo duratti boosseef, ani si dhagaʼeera” jedha Waaqayyo. 20Kanaafuu ani abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kana irratti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
Copyright information for
GazHAHl