‏ 2 Kings 23:1-3

Yosiyaas Kakuu Haaromsuu Isaa

23:1‑3 kwf – 2Sn 34:29‑32

23:4‑20 kwi – 2Sn 34:3‑7,33

23:21‑23 kwf – 2Sn 35:1,18‑19

23:28‑30 kwf – 2Sn 35:20–36:1

1Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame. 2Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi raajota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef. 3Mootichis utubaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee akkasiin dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffaman hojii irra oolchu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse; ergasiis sabni hundi kakuu ni haaromse.
Copyright information for GazHAHl