‏ 2 Kings 23:4-20

4Mootichis akka isaan miʼoota Baʼaaliif, Asheeraadhaa fi raayyaawwan samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa baasaniif Hilqiyaa lubicha ol aanaa, luboota sadarkaan isatti aananii fi eegdota balbalaa ajaje. Innis miʼoota sana Yerusaalem keessaa baasee dirree Sulula Qeedroon irratti gube; daaraa isaas fuudhee Beetʼeelitti geesse. 5Luboota waaqota tolfamoo kanneen akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen magaalaawwan Yihuudaatii fi naannoo Yerusaalem kanneen gaarran irraatiif ixaana aarsaniif mootonni Yihuudaa muudan sana jechuunis warra Baʼaaliif, aduu fi jiʼaaf, tuuta urjiitii fi raayyaawwan samii hundaaf ixaana aarsaa turanis ni barbadeesse. 6Siidaa Aasheeraas mana qulqullummaa Waaqayyootii fuudhee Yerusaalem keessaa baasee Sulula Qeedroonitti geessee achitti ni gube. Isas daakee bulleessee daaraa isaa awwaala namootaa irratti firfirse. 7Innis mana dhiirota mana sagadaa keessatti sagaagalanii kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiru, iddoo itti dubartoonni Asheeraadhaaf golgaa hojjetan sana ni diige.

8Yosiyaasis luboota hunda magaalaawwan Yihuudaatii ni fide; innis iddoowwan sagadaa kanneen Gebaadhaa hamma Bersheebaatti turan kanneen luboonni ixaana itti aarsaa turan sana ni xureesse. Akkasumas galmawwan waaqeffannaa karrawwan cinaa kanneen balbala Karra Iyyaasuu bulchaa magaalaa sanaa dura karaa gama bitaa magaalattiin turan sana ni diige. 9Luboonni iddoowwan sagadaa kunneen yoo iddoo aarsaa Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa irra tajaajiluu baatan illee isaan luboota akka isaanii wajjin Maxinoo nyaatan ture.

10Innis akka namni tokko iyyuu ilma isaa yookaan intala isaa aarsaa godhee ibiddaan Moolekiif hin dhiʼeessineef Toofeti kan Sulula Ben Hinoom keessatti argamu sana ni xureesse. 11Akkasumas fardeen mootonni Yihuudaa aduudhaaf kennan sana balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti geessu irraa fuudhee ni balleesse. Fardeen sun oobdii kutaa mana Naataan-Meelek qondaaltichaa biraa keessa turan. Ergasiis Yosiyaas gaariiwwan aduu sana ibiddaan ni gube.

12Mootichis iddoowwan aarsaa mootonni Yihuudaa bantii manaa irra, kutaa mana Aahaaz kan ol aanu bira dhaabanii fi iddoowwan aarsaa Minaaseen mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa oobdiiwwan lamaan keessa dhaabe sana ni buqqise. Iddoowwan aarsaa sanas achii fuudhee ni caccabsee, caccabaa isaanii Sulula Qeedroon keessatti ni gate. 13Akkasumas mootichi iddoowwan sagadaa kanneen gama baʼa Yerusaalemitti karaa kibba Gaara Faalamuutiin turan kanneen Solomoon mootichi Israaʼel Ashtooreti waaqittii xurooftuu Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha xuraaʼaa Moʼaabii fi Moolek waaqicha xuraaʼaa ijoollee Amooniitiif hojjete sana ni xureesse. 14Yosiyaas soodduuwwan dhagaa caccabsee siidaawwan Aasheeraas diigee iddoo sana lafee namaatiin guute.

15Akkasumas iddoo aarsaa Beetʼeel keessa ture sanaa fi iddoo sagadaa kan Yerobiʼaam ilmi Nebaat inni Israaʼelin cubbuu hojjechiise sun ijaare iddoo aarsaa sanaa fi iddoo sagadaa ni diige. Iddoo sagadaa sanas caccabsee, daakee bulleesse; siidaa Aasheeraas ni gube. 16Yosiyaasis of irra garagalee awwaalawwan tulluu irra jiran achitti arge; nama ergees awwaalawwan sana keessaa lafeewwan fichisiisee akkuma dubbii Waaqayyoo kan namni Waaqaa inni duraan dursee waan kana dubbate sun labsetti iddoo aarsaa irratti gubee isa xureesse.

17Mootichi, “Dhagaan awwaalaa kan ani arguutti jiru kun maal?” jedhee ni gaafate.

Namoonni magaalaa sanaa immoo, “Inni awwaala nama Waaqaa kan Yihuudaadhaa dhufee waanuma ati iddoo aarsaa Beetʼeel goote kana duraan dursee labse sanaa ti” jedhan.

18Innis, “Isa dhiisaa; namni tokko iyyuu lafee isaa hin tuqin” jedhe. Kanaafuu isaan lafee isaattii fi lafee raajicha Samaariyaadhaa dhufe sanaa illee ni dhiisan.

19Yosiyaas akkuma Beetʼeelitti godhe sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa kanneen mootonni Israaʼel magaalaawwan Samaariyaa keessatti ijaaranii Waaqayyoon dheekkamsaaf kakaasan sana hunda ni diige. 20Innis luboota iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda iddoowwan aarsaa irratti qalee lafee namaas achuma irratti ni gube. Ergasiis gara Yerusaalemitti ni deebiʼe.
Copyright information for GazHAHl