‏ 2 Kings 24:18-20

Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa

24:18‑20 kwf – 2Sn 36:11‑16; Erm 52:1‑3

18Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte. 19Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete. 20Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse.

Kufaatii Yerusaalem

25:1‑12 kwf – Erm 39:1‑10

25:1‑21 kwf – 2Sn 36:17‑20; Erm 52:4‑27

25:22‑26 kwf – Erm 40:7‑9; 41:1‑3,16‑18

Zedeqiyaa mooticha Baabilonitti fincile.
Copyright information for GazHAHl