‏ 2 Kings 24:8-17

Yehooyaakiin Mooticha Yihuudaa

24:8‑17 kwf – 2Sn 36:9‑10

8Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche. Maqaan haadha isaa Nehushtaa ture; isheenis intala Elnaataan namicha Yerusaalem sanaa ti. 9Innis akkuma abbaan isaa hojjete sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.

10Yeruma sanatti loltoonni Nebukadnezar mooticha Baabilon Yerusaalemitti duulanii ishee ni marsan; 11utuma ajajjoonni loltoota isaa ishee marsaa jiranuu Nebukadnezar mataan isaa gara magaalattii ni dhufe. 12Yehooyaakiin mootichi Yihuudaa, haati isaa, garboonni isaa, namoonni isaa bebeekamoonii fi qondaaltonni isaa hundinuu mootii Baabilonitti harka kennatan.

Mootiin Baabilonis mooʼee waggaa saddeettaffaatti Yehooyaakiinin boojiʼee ni fudhate.
13Nebukadnezaris akkuma Waaqayyo dubbatee ture sanatti qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyootii fi kan masaraa mootummaa keessa ture hunda ni fudhate; miʼa warqee kan Solomoon mootichi Israaʼel mana qulqullummaa Waaqayyootiif tolche hunda isaa immoo caccabse. 14Inni warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda ajajjoota waraanaatii fi loltoota hunda, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman hunda walumatti nama kuma kudhan boojiʼee ni fudhate. Namoota akka malee hiyyeeyyii qofatu biyya sanatti hafe.

15Nebukadnezar Yehooyaakiinin boojiʼee Baabilonitti ni geesse. Akkasumas haadha mootichaa, niitota isaa, qondaaltota isaatii fi namoota biyya sanaa bebbeekamoo boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti ni geesse. 16Kana malees mootichi Baabilon humna waraanaa guutuu kan nama kuma torba of keessaa qabu, warra ogummaa hojii harkaa qabanii fi warra sibiila tuman kuma tokko boojiʼee Baabilonitti ni geesse; isaan kunneen hundi jajjaboo fi warra lola dandaʼan turan. 17Innis Mataaniyaa eessuma Yehooyaakiin sana iddoo isaa mootii godhe; maqaa isaas Zedeqiyaatti ni geeddare.
Copyright information for GazHAHl