‏ 2 Kings 4:32-37

32Yommuu Elsaaʼi mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture. 33Elsaaʼis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee Waaqayyoon kadhate. 34Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe. 35Elsaaʼi achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate.

36Elsaaʼis Gehaazin waamee, “Dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Innis ishee waame. Elsaaʼi yommuu isheen gara isaa dhuftetti, “Kunoo mucaa kee fudhadhu” jedheen. 37Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate.
Copyright information for GazHAHl