2 Kings 4:42-44
Elsaaʼi Nama Dhibba Tokko Soore
42Namichi tokko buddeena garbuu kan mataa midhaan bilchaatee irraa tolfame digdamaa fi asheetii midhaanii nama Waaqaa sanaaf fidee Baʼaal Shaaliishaadhaa dhufe. Elsaaʼis, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni” jedhe. 43Tajaajilaan isaa immoo, “Ani akkamiinan waan kana nama dhibba tokko duratti dhiʼeessuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Elsaaʼi garuu, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni. Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Isaan nyaatanii hambaa illee ni qabaatu’ ” jedhee deebise. 44Innis fuudhee isaan duratti dhiʼeesse; isaanis akkuma dubbii Waaqayyoo sanaatti nyaatanii hambaa hambisan.
Copyright information for
GazHAHl