‏ 2 Kings 8:16-24

Yehooraam Mooticha Yihuudaa

8:16‑24 kwf – 2Sn 21:5‑10,20

16Bara Yehooraam ilma Ahaab mooticha Israaʼel keessa waggaa shanaffaatti Yooraam ilmi Yehooshaafaax mooticha Yihuudaa sun mootii taʼee bulchuu jalqabe. 17Yeroo sanatti umuriin isaa waggaa soddomii lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa saddeet ni bulche. 18Innis akkuma manni Ahaab godhee ture sana karaa mootota Israaʼel duukaa buʼe; intala Ahaab fuudhee tureetii. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete. 19Taʼus Waaqayyo sababii garbicha isaa Daawitiif jedhee Yihuudaa balleessuun fedhii Waaqayyoo hin turre. Inni Daawitii fi sanyii isaatiif ibsaa bara baraa dhaabuuf kakuu galee ture.

20Bara Yooraam keessa Edoom Yihuudaatti fincilee mootii ofii isaa moosifate. 21Kanaafuu Yooraam gaariiwwan isaa hunda wajjin Zaaʼiiri dhaqe. Warri Edoomis isaa fi ajajjoota gaariiwwan isaa marsan; inni garuu halkaniin kaʼee isaan ni dhaʼe; loltoonni isaa garuu gara biyya isaaniitti baqatan. 22Edoom hamma harʼaatti illee akkuma Yihuudaatti finciletti jira. Libnaanis yeruma sanatti fincile.

23Wantoonni bara mootummaa Yooraam keessa hojjetaman kan biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 24Yooraam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti isaan biratti ni awwaalame. Ahaaziyaan ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
Copyright information for GazHAHl