‏ 2 Samuel 1:4-12

4Daawitis, “Maaltu dhalate? Mee natti himi” jedhee gaafate.

Innis, “Namoonni adda waraanaatii ni baqatan. Baayʼeen isaanii harcaʼaniiru; duʼaniirus. Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataanis duʼaniiru” jedheen.

5Kana irratti Daawit dargaggeessa oduu kana fideen, “Akka Saaʼolii fi ilmi isaa Yoonaataan duʼan ati akkamitti beekte?” jedhe.

6Dargaggeessi sunis akkana jedhee deebise; “Akkuma tasaa ani Tulluu Gilboʼaatti ol baʼeen ture; Saaʼolis eeboo isaatti irkatee achi ture; gaariiwwan lolaatii fi abbootiin fardaa isa bira gaʼan. 7Innis yommuu garagalee na argetti na waame; anis, ‘Maal siif ajajamu?’ jedhee isa gaafadhe.

8“Innis, ‘Ati eenyu?’ jedhee na gaafate.

“Ani immoo, ‘Ani nama Amaaleq’ jedheen deebise.

9“Ergasiis inni, ‘Narra dhaabadhuu na ajjeesi! Waan lubbuun na keessaa hin baʼiniif ani akka malee dhiphachaan jiraatii’ naan jedhe.

10“Kanaafuu ani sababiin akka inni erga kufee hin fayyine beekeef isa irra dhaabadheen isa ajjeese. Gonfoo mataa isaatii fi bitawoo harka isaa fuudhee gooftaa kootiif fideera.”

11Daawitii fi namoonni isa wajjin turan hundi wayyaa of irraa baasanii tatarsaasan. 12Isaanis Saaʼolii fi Yoonaataaniif, loltoota Waaqayyootii fi mana Israaʼel hundaaf gaddanii ni booʼan; hamma galgalaatti ni sooman; isaan goraadeedhaan dhumaniiruutii.
Copyright information for GazHAHl