‏ 2 Samuel 12:29-31

29Kanaafuu Daawit loltoota hunda walitti qabatee dhaqee Rabbaa waraanee qabate. 30Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; Gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture. Daawitis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee 31namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe; suphees isaan dhoofsise. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
Copyright information for GazHAHl