‏ 2 Samuel 21:15-22

Waraana Filisxeemotatti Baname

21:15‑22 kwf – 1Sn 20:4‑8

15Ammas Filisxeemotaa fi Israaʼel gidduutti waraanni ni kaʼe. Daawitis namoota isaa wajjin Filisxeemota waraanuuf duule; innis akka malee dadhabe. 16Namichi gosa Raafaa kan Yishbii-Benoob jedhamu tokko eeboo naasii kan kiiloo giraamii sadii fi walakkaa ulfaatuu fi goraadee haaraa hidhatee ture; innis Daawitin ajjeesuu barbaade. 17Abiishaayi ilmi Zeruuyaa garuu Daawitin baraaruu dhufe; namicha Filisxeem sanas dhaʼee ajjeese. Namoonni Daawitis, “Akka ibsaan Israaʼel hin dhaamneef ati siʼachi nu wajjin waraana hin dhaqxu” jedhanii kakataniif.

18Ergasii immoo lafa Goob jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni biraa kaʼe. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa namicha Saaf jedhamu tokko sanyii Raafaa keessaa ajjeese.

19Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin Goobitti godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaʼiree Oregiim namichi biyya Beetlihem Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu sana ni ajjeese.

20Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture; innis sanyii Raafaa keessaa dhalate. 21Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis, Yoonaataan ilmi Shimeʼii obboleessi Daawit isa ajjeese.

22Jarri afran kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha. Isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
Copyright information for GazHAHl