2 Samuel 24:18-25
Daawit Iddoo aarsaa Tolche
24:18‑25 kwf – 1Sn 21:18‑26
18Gaafas Gaad gara Daawit dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaari” jedheen. 19Kanaafuu Daawit akkuma Waaqayyo karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe. 20Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade. 21Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe. Daawit immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchuufin dhufe” jedhee deebise. 22Arawunaanis Daawitiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira. 23Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Waaqayyo Waaqni kee siif haa fudhatu” isaan jedhe. 24Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Waaqayyo Waaqa kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise. Kanaafuu Daawit oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite. 25Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Waaqayyos kadhannaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.
Copyright information for
GazHAHl