2 Samuel 5:11-16
11Yeroo kanatti Hiiraam mootiin Xiiroos ergamoota wajjin muka birbirsaa, namoota muka soofanii fi warra dhagaa soofan gara Daawit erge; isaanis Daawitiif masaraa ijaaran. 12Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka saba Israaʼeliif jedhee mootummaa isaa guddiseef ni beeke. 13Daawitis erga Kebroonii baʼee booddee saajjatoowwanii fi niitota biraa Yerusaalem keessatti fuudhe; ilmaanii fi intallan dabalataa dhalataniif. 14Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 15Yibehaar, Eliishuuwaa, Nefeg, Yaafiiyaa, 16Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
Copyright information for
GazHAHl