‏ 2 Samuel 5:6-10

Daawit Yerusaalem Qabachuu Isaa

5:6‑10 kwf – 1Sn 11:4‑9

5:11‑16 kwf – 1Sn 3:5‑9; 14:1‑7

6Mootichii fi namoonni isaa Yebuusota achi jiraatan loluuf gara Yerusaalemitti ni qajeelan. Yebuusonnis Daawitiin, “Ati as hin seentu; jaamaa fi naafni iyyuu of irraa si deebisu” jedhan. Isaan, “Daawit as seenuu hin dandaʼu” jedhanii yaadan. 7Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon Magaalaa Daawit ni qabate.

8Daawitis gaafas, “Namni Yebuusota dhaʼuuf baʼu kam iyyuu, ‘naafotaa fi jaamota’ lubbuu Daawitiin jibbaman bira gaʼuuf karaa boʼoo bishaaniitiin darbuu qaba” jedhe. Sababiin isaan, “ ‘Jaamonnii fi naafonni’ masaraa mootii hin seenan” jedhaniif kanuma.

9Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana godhatee Magaalaa Daawit jedhee moggaase. Inni Miiloodhaa jalqabee naannoo ishee marsee ijaare. 10Innis sababii Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
Copyright information for GazHAHl