‏ 2 Samuel 6:1-11

Taabonni Gara Yerusaalemitti Fidamuu Isaa

6:1‑11 kwf – 1Sn 13:1‑14

6:12‑19 kwf – 1Sn 15:25–16:3

1Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate. 2Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan. 3Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan; 4taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture. 5Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Waaqayyoo duratti gammadanii shuubbisaa turan.

6Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe. 7Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe.

8Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.

9Daawitis gaafa sana Waaqayyoon sodaatee, “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” jedhe. 10Innis akka taabonni Waaqayyoo isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. 11Taabonni Waaqayyoos jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Waaqayyos isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
Copyright information for GazHAHl