‏ 2 Samuel 7:1-17

Abdii Waaqayyo Daawitiif Kenne

7:1‑17 kwf – 1Sn 17:1‑15

1Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Waaqayyo diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee, 2Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.

3Naataan immoo mootichaan, “Waaqayyo si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.

4Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:

5“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii? 6Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture. 7Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’

8“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe. 9Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha. 10Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan; 11isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa.

“ ‘Akka Waaqayyo mataan isaa mana siif ijaaru Waaqayyo sittin hima;
12yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. 13Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. 14Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa. 15Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu. 16Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”

17Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
Copyright information for GazHAHl