Acts 10:9-32
Mulʼata Phexros Arge Tokko
10:9‑32 kwi – Hoj 11:5‑14
9Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti kadhannaaf bantii manaatti ol baʼe. 10Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe. 11Samii banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge. 12Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture. 13Sagaleen tokkos, “Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu” jedheen. 14Phexros garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne” jedhe. 15Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, “Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin” jedheen. 16Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee samiitti ol fudhatame. 17Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan. 18Isaanis lallabanii, “Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?” jedhanii gaafatan. 19Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; “Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru. 20Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii.” 21Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, “Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?” jedheen. 22Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; “Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; ergamaan Waaqaa qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate.” 23Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise.Phexros mana Qorneelewoos Dhaqe
Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman. 24Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture. 25Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe. 26Phexros garuu, “Kaʼi! Anis namumaatii” jedhee ol isa qabe. 27Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge. 28Innis akkana isaaniin jedhe; “Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Waaqni akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera. 29Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada.” 30Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: “Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti kadhachaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee 31akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera. 32Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’
Copyright information for
GazHAHl