Acts 22:3-16
3“Ani Yihuudii dha; magaalaa Xarsees ishee biyya Kiilqiyaa keessaa sanattin dhaladhe; garuu Yerusaalemittin guddadhe. Miilla Gamaaliyaal jalattis seera Abbootii keenyaa akka gaariitti baradhee, akkuma isin hundi harʼa hinaaftan kana anis Waaqaaf nan hinaafa ture. 4Dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidhaa keessa isaan buusuudhaan duuka buutota karaa kanaa hamma duʼaatti ariʼadheera; 5waan kanas lubni ol aanaanii fi waldaan jaarsolii guutuun ragaa naa baʼu. Anis xalayoota isaan gara obboloota warra Damaasqoo jiraniitti barreessan fudhadheen akka namoonni kunneen adabamaniif hidhee Yerusaalemitti isaan fiduuf achi nan dhaqe. 6“Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise. 7Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe. 8“Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Inni immoo deebisee, ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’ naan jedhe. 9Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne. 10“Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe. “Gooftaanis, ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’ naan jedhe. 11Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan. 12“Namichi Anaaniyaas jedhamu kan sirriitti seera eegu tokko Yihuudoota achi jiraatan hunda biratti maqaa gaarii qaba ture. 13Innis gara koo dhufee na bira dhaabatee, ‘Yaa obboleessa koo Saaʼol, agartuun kee siif haa deebiʼu!’ naan jedhe; agartuun koos yeruma sana naa deebiʼe. Anis isa arguu dandaʼe. 14“Innis akkana jedhe; ‘Waaqni abbootii keenyaa akka ati fedhii isaa beektu, akka ati Isa Qajeelaa sana argituu fi akka afaan isaa irraa dubbii dhageessuuf si filateera. 15Atis waan argitee fi waan dhageesse sana fuula nama hundumaa duratti isaaf dhugaa ni baata. 16Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
Copyright information for
GazHAHl