‏ Acts 22:6-11

6“Gara saafaatti, akkuma ani Damaasqootti dhiʼaadheen ifni guddaan isaa akkuma tasaa samii irraa naannoo kootti balaqqise. 7Anis lafatti kufeen sagalee, ‘Yaa Saaʼol! Yaa Saaʼol! Ati maaliif na ariʼatta?’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.

8“Anis, ‘Yaa Gooftaa ati eenyu?’ jedheen gaafadhe.

“Inni immoo deebisee, ‘Ani Yesuus nama Naazreeti isa ati ariʼattuu dha’ naan jedhe.
9Warri na wajjin turanis ifa sana argan malee sagalee isa natti dubbachaa ture sanaa hin hubanne.

10“Anis, ‘Yaa Gooftaa, ani maal godhu ree?’ jedhee gaafadhe.

“Gooftaanis, ‘Kaʼii Damaasqoo seeni. Wanni akka ati hojjettuuf siif kaaʼame hundinuu achitti sitti himamaatii’ naan jedhe.
11Anis sababii calaqqisa ifa sanaatiif homaa arguu dadhabnaan, warri na wajjin turan harka qabanii Damaasqootti na geessan.
Copyright information for GazHAHl