Acts 26:9-18
9“Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture. 10Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture. 11Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture. 12“Anis gaafa tokko kanumaaf jedhee taayitaa fi ergama luboota hangafoota biraa fudhadhee utuun Damaasqoo deemaa jiruu, 13yaa mooticha, ani utuman karaa deemaa jiruu gara saafaatti ifa ifa aduu caalaa ibsu tokko isaa samii irraa naannoo koottii fi naannoo warra na wajjin deemaniitti ibsu arge. 14Hundi keenya lafatti kukkufne; anis sagalee afaan Ibraayisxiitiin ‘Yaa Saaʼol, yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta? Arfii wayii dhiituun suma miidha’ naan jedhu tokkon dhagaʼe. 15“Anis, ‘Yaa Gooftaa ati Eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Gooftaanis deebisee akkana jedhe; ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. 16Amma kaʼii miilla keetiin dhaabadhu. Ani akka ati tajaajilaa koo taatee, waaʼee koos waan argitee fi waan ani sitti mulʼisuuf jiru dhugaa baatuuf si muuduuf jedhee sitti mulʼadheera. 17Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa. 18Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
Copyright information for
GazHAHl