‏ Acts 9:1-22

Saaʼol Jijjiirame

9:1‑19 kwf – Hoj 22:3‑16; 26:9‑18

1Gidduudhuma sana Saaʼol barattoota Gooftaa ajjeesuuf dhaadachaa gara luba ol aanaa dhaqee, 2nama karaa kana irra jiru kam iyyuu dhiiras dubartiis yoo argate akka hidhee Yerusaalemitti geessuuf akka lubni sun gara manneen sagadaa kanneen Damaasqoo jiraniitti xalayaawwan isaaf barreessuuf isa kadhate. 3Utuu inni deemaa jiruu akkuma Damaasqootti dhiʼaateen akkuma tasaa ifni tokko samii irraa naannoo isaatti balaqqise. 4Innis lafatti kufee sagalee, “Yaa Saaʼol, Yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta?” isaan jedhu tokko dhagaʼe.

5Saaʼolis, “Yaa Gooftaa, ati eenyu?” jedhee gaafate.

Innis akkana jedhee deebiseef; “Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha. Arfii wayii dhiituun suma miidha.
6Amma kaʼii magaalaa seeni; wanni ati gootu sitti himamaatii” jedheen.

7Namoonni Saaʼol wajjin deemaa turanis waan dubbatan dhabanii dhadhaabatan; isaanis sagalee dhagaʼan malee nama tokko illee hin argine. 8Saaʼolis lafaa kaʼe; innis yommuu iji isaa banametti homaa arguu hin dandeenye; isaanis harka isaa qabanii Damaasqootti isa geessan. 9Iji isaas Guyyaa sadii guutuu arguu hin dandeenye; innis homaa hin nyaanne; homaas hin dhugne.

10Damaasqoo keessa barataa Anaaniyaas jedhamu tokkotu ture. Gooftaanis mulʼataan, “Yaa Anaaniyaas!” jedhee isa waame.

Innis, “Yaa Gooftaa, kunoo ani asin jira” jedhee deebise.

11Gooftaanis akkana jedheen; “Kaʼii gara daandii ‘Qajeelaa’ jedhamu sanaa mana Yihuudaa dhaqiitii nama Saaʼol jedhamu kan Xarseesii dhufe tokko iyyaafadhu; inni kadhannaa irra jiraatii. 12Saaʼolis nama Anaaniyaas jedhamu tokko isaa dhufee akka agartuun isaa deebiʼuufiif harka isa irra kaaʼu mulʼataan arge.”

13Anaaniyaasis deebisee akkana jedhe; “Yaa Gooftaa, ani waaʼee namicha kanaa, miidhaa inni qulqulloota kee warra Yerusaalem jiraatan irratti hojjete hundumaa dhagaʼeera. 14Ammas warra maqaa kee waammatan hunda hidhuuf jedhee luboota hangafoota irraa aangoo fudhatee dhufeera.”

15Gooftaan garuu Anaaniyaasiin akkana jedhe; “Namichi kun miʼa koo kan ani akka inni namoota Ormaatii fi mootota isaanii duratti, saba Israaʼel durattis maqaa koo baatuuf jedhee filadhe waan taʼeef kaʼii dhaqi! 16Ani akka inni maqaa kootiif jedhee rakkachuu qabu isattin argisiisa.”

17Anaaniyaasis dhaqee mana sana seene. Harka isaas Saaʼol irra kaaʼee, “Yaa obboleessa koo Saaʼol, Gooftaa Yesuus inni utuu ati as dhuftuu karaa irratti sitti mulʼate sun akka ati argituu fi akka ati Hafuura Qulqulluun guutamtuuf na ergeera” jedhe. 18Yommusuma wanni akka qolaa ija Saaʼol irraa harcaʼe; inni ammas arguu dandaʼe. Kaʼees cuuphame. 19Nyaatas nyaatee jajjabaate.

Saaʼol Damaasqoo fi Yerusaalemitti Lallabe

Saaʼol bultii gabaabduudhaaf barattoota Damaasqoo jiran bira bubbule.
20Innis akka Yesuus ilma Waaqaa taʼe yeruma sana manneen sagadaa keessatti lallabuu jalqabe. 21Warri isa dhagaʼan hundinuus dinqifatanii akkana jedhan; “Namichi kun isuma Yerusaalem keessatti warra maqaa kana waammatan balleesse sana mitii? Ammas hidhee luboota hangafootatti isaan geessuuf dhufe mitii?” 22Saaʼol garuu ittuma jabaachaa deeme; innis akka Yesuus kun Kiristoos
yookaan Masiihii
taʼe mirkaneessuudhaan Yihuudoota Damaasqoo keessa jiraatan afaan qabachiise.
Copyright information for GazHAHl